Itiyoophiyaan walgahii boordii daarektarootaa tumsa foramii giloobaal paabiliik seekuriitii Chaayinaarratti hirmaachaa jirti

338

Ebla 03/2016 (TOI)- Itiyoophiyaan walgahii boordii daarektarootaa foramii tumsa giloobaal paabiliik seekuriitii Chaayinaa magaalaa Naantoongitti taasifamaa jirurratti hirmaachaa jirti.

Miseensi boordii daarektarootaa  foramii tumsa giloobaal paabiliik seekuriitii kan ta’an komishinar jeneraaliin poolisii federaalaa Itiyoophiyaa Dammallaash Gabramikaa’el walgahii Ebla 1 amma 3 bara 2016tti taasifamaa jirurratti hirmaachaa jiru.

Gbaasa hojii raawwii waggaa foramichaa, adeemsa qorannoo giloobaal seekuriitii indeeksirratti taasifamuu akkasumas qophii konfaransii waggaa bara 2024 foramichaa ilaalchisuun mari’achuun murteewwan addaddaa nidabarsa jedhameetu eegama.

Fooramiin tumsaa kun Itiyoophiyaa dabalatee daarektaroota boordii olaanoo biyyoota sagalirraa walitti dhufaniin kan gaggeeffamu ta’uu fi sadarkaa idil addunyaatti nageenya ummataarratti xiyyeeffachuun dhaabbilee seera kabachiiftotaa qindeessuun hojiilee addaddaa hojjechaa akka jiru beekameera.

Komishinar Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el yaa’ii hooggansa boordii cinaatti dhaabbilee addaddaa Chaayinaatti argaman daawwachuunsaanii ibsameera.

Bulchiinsa Jaansuutti kan argamu motorsaayikilii kan oomishu ‘CF’ motor daawwachuunsaanii kan eerame yoo ta’u, kaampaanichi Itiyoophiyaatti damee banuun hojjechuuf fedhii akka qabu ibsamuunsaa eerameera.

Dabalataanis komishinar Jeneraalichi kolleejii poolisii Chiinjaan daawwachuusanii fi miseensota poolisii federaalaa Itiyoophiyaa yeroo ammaa kolleejichatti carraa barnootaa bilisaa argatanii leenji’aa jiran carraa barumsaa kolleejichi kenneef galateeffataniiru.

Yuunivarsiitii poolisii Itiyoophiyaatti inistiitiyuutii liidarshiippii poolisii intarnaashinaalaa hundeessuuf hojjetamaa akka jiru komishinar Jeneraalichi eeranii, kolleejichi Yuunivarsiiticha waliin tumsaan akka hojjetu gaafachuusanii odeeffannoon poolisii federaalaarraa argame nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015