Jiddugaleessonni Gabaa bakka garagaraatti ijaaraman oomishoota qulqullina qaban gatii madaalawaan akka arganni nutaasiseera-shamattoota

59

Bitootessa 03/2016(TOI)- Jiddugaleessonni Gabaa bakka garagaraatti ijaaraman oomishoota qulqullina qaban gatii madaalawaan akka arganni nutaasiseera jedhan shamattoonni.

Gatii shaqaxaa magaalaa Finfinneetti yeroo garga yerootti dabalaa dhufe tasgabbeessuuf bulchiinsi magaalichaa jiddugaleessota daldalaa gurguddoo naannawoota magaalattii addaddaatti ijaaruun rakkoo kana furuuf hojjechaa jira.

Jiddugaleessonni gabaa gurguddoo sadii Finfinneetti ijaaraman humna guutuun tajaajila jalqabuunsaanii rakkoo kana furuu gargaaraniiru.

Kaayyoon jiddugaleessota gabaa kudura fi muduraa gatii walsimeen hawaasaaf dhiheessuu ta’us, oomishoota midhaanii galchuun qaala’iinsa gabaa salphisuuf hojjetamaa jira.

Kanneen keessaa jiddugaleesota oomishoota qonnaa Lammii Kuraa fi Kolfeetti oomishtoonnii fi dhiheessitoonni 57 oomisha dhiheessaa jiru.

Dabalataanis daldaltoonni qinxaaban 147 oomishasaanii shamattootaaf dhiheessaa akka jiran TOI’n mirkaneesseera.

Daldaltoonni gatii biiroon daldalaa Finfinnee baaseen gatii gabaa idileerraa harka 15 amma 20 hir’isuun gurguramaa  jira.

Shamattoonni  jiddugaleessota Lammii Kuraa fi Kolfeetti bitaa jiran akka ibsanitti, gatii jiddugaleessota kanneenirraa gatii madaalawaan bitaa jiru.

Jiddugaleessa oomidhoota qonnaa Lammii Kuraarraa bitaa kan jiran adde Wayinisheet Mokonnon akka jedhanitti, gatii madaalawaan jiddugaleessakanarraa argachaa jiru.

Adde Immabeet Magarsaa jiddugaleessa oomisha qonnaa Kolfeerraa gatii gabaa biraarraa bitanirraa hir’ina akka qabu dubbataniiru.

Oomishtoonni, dhiheessitoonnii  fi daldaltoonni gamasaaniin, gatii madaalawaan oomishasaanii jiddugaleessa kanatti dhiheessaa akka jiran ibsaniiru.

Oomishtoota haasofsiifne keessaa Almaayyoo Raajii akka jedhaniti, carraa bulchiinsi magaalaa mijeesseen gatii madaalawaan oomisha dhiheessaa jiru.

Daldalaan  Darajjee Gaarii gamasaaniin oomishoonni oomishaarraa kallattiin dhihaachaa waan jiraniif qaama sadaffaa malee gurgurtaan akka raawwatamu dandeessisuu dubbataniiru.

Qindeessitoonni jiddugaleessichaa jiddugaleessonni gabaa keessumaa qaala’iinsa gabaa damdamachuuf qooda olaanaa akka qaban ibsaniiru.

Qindeessaan jiddugaleessa Lammii Kuraa obbo Salamoon Baqqalaa oomishtoonnii fi daldaltoonni qinxaaban oomishasaanii sirnaan akka dhiheessan taasifamaa akka jiru kaasaniiru.

Torbee torbeen qgabaa qorachuun oomishaa fi daldaltoonni qinxaaban gatii kaa’ameen akka gurguran taasifmaa akka jiru dubbataniiru.

Gaaffilee bu’ura misoomaa hawaasarraa ka’an furuuf mariin taasifamuu ibsanii, rakkooleen kaafaman dhiheenyatti furmaata akka argatan dubbataniiru.

Qindeessaan jiddugaleessa oomishoota qonnaa Kolfee obbo Dheeressaa Fayyisaa gmasaaniin, oomishtoonnii fi daldaltoonni qinxaaban gatii gabaa idileerraa harka 15 amma 20 hir’isuun akka gurguran taasifamaa jira.

Keessumaa to’annoo fi hordoffii taasisuun daldaltoota gatii dabalanii gurguranirratti tarkaanfii akka fudhatan dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015