Waliigalteen dhukkubsattoota hedduuf tajaajila waldhaansaa kennu mallatteeffame

139

Ebla 03/2016(TOI)-Waliigalteen pirojektii Biraayit Joornii dhukkubsattoota ijaaf waldhaansa kennu mallatteeffame.

Pirojektiin Biraayit Joornii Itiyoophiyaanonni ija dhukkubsatan hedduun tajaajila waldhansa ijaa akka argatan kan tasisu yoo ta’u, waliigaltee jalqabsiisa pirojektichaa ministirri fayyaa doktar Maqdas Dhaabaa fi Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Chaayinaa Jaa’oo Jiyuwaan mallatteessaniiru.

Pirojektiin kun marsaa jalqabaatiin dhukkubsattoota ijaa 500’f waldhaansa ija baqaqsanii hodhuun cinaatti ogeeyyota waldhaansa ijaaf leenjii kennuuf akka dandeessisu himameera.

Pirojektiin kun kan ittifufuu fi qaqqabiinsasaa akka bal’isu ambaasaaddarichi wayita kanatti ibsuusaanii odeeffannoon ministeera fayyaarraa argame nimul’isa.

Kanumaan walqabatee mootummaan Chaayinaa deggarsa talaallii koleeraa doozii kuma 21 marsaa jalqabaan Itiyoophiyaaf akka taasisu ambaasaaddarichi sirna mallattoorratti ibsanii, talaalichi keessumaa daa’imni koleeran akka hin qabamne akka ittisu himaniiru.

Dabalataanis mootummaan Chaayinaa jiddugaleessota waldhaansaa dabalataa sadii Itiyoophiyaatti dhaabuuf qophiirra akka jiru dubbachuunsaanii himameera.

Ministirri fayyaa doktar Maqdas Dhaabaa gamasaniin dandeettii tajaajila waldhaansaa Itiyoophiyaa amma jiru guddisuuf xiyyeeffannoo guddaan hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.

Haala Kanaan tajaajila fayyaa qulqullina olaanaa qabu dhiheessuun waldhaanamtoonni biyya alaa deemuun bu’aa bayii irra gahu hambisuuf hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015