Ayyaanni Iid Al-faxiir naannawoota biyyattii addaddaa keessatti kabajamaa jira

73

Ebla 02/2016(TOI)- Ayyaanni Iid Al-faxiir 1445ffaan naannawoota biyyattii addaddaa keessatti dammaqinaan kabajamaa jira.

Ayyaanni kun magaalaawwan Harar, Bahaardaar, Baalee Roobee, Samaraa, Gaambeellaa, Dirreedawaa, Gondor, Jimma, Dasee, Jiinkaa, Arbaamincii fi Dabrabiraanitti kabajamaa jira.

Barii sa’aatii 11 fi walakkaarraa  irraa kaasee naannawoota kanneenitti hordoftoonni amantaa Islaamaa hedduun sirnoota amantaa addaddaa raawwachuun fi sagadaan ayyaana Iid Al-faxiir dammaqinaan kabajaa akka jiran agabaasonni TOI bakkeewwan kanneen jiran gabaasaniiru.

Ulaamonni, Sheekonni, Imaamonnii fi hordoftoonni amantichaa kanneen biroon kabaja ayyaana kanaarratti hirmaachaa jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015