Ayyaanni Iid Al-faxiir 1445ffaan kabajamaa jira

62

Ebla 02/2016 (TOI)- Ayyaanni Iid Al-faxiir 1445ffaan hordoftoota amantaa Islaamaatiin kabajamaa jira.

Ayyaanni kun Istaadiyeemii Finfinneetti kabajamaa kan jiru yemmuu ta’u hordoftoonni amantichaa bakka ayyaanichi itti kabajamu dhaqaa jiru.

Pirezidaantiin mana maree dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Sheeh Haajii Ibraahiim Tufaa ergaa baga geessanii dabarsaniin, guyyaan kun wayita kabajamu waliif gadduun, waldeeggaruu fi lammiilee rakkatan gargaaruun ta’uu qaba jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015