Xaa'oo biyyee kumtaala miliyoona 11.2 buufata doonii Jibutii gahe keessa harki 92 biyyatti galeera.

66

Ebla 1/2016(TOI) - Xaa'oo biyyee oomisha bara 2016/17'f ooluu kumtaala miliyoona 11.2 buufata doonii Jibutii gahe keessaa harki 92 gara biyyaatti imaalchifamuun biyya keessa galuu Korporeeshiin Hojiiwwaan Qonnaa Itoophiyaa beeksise.

Odeeffannoon Korporeeshinicharra argame akka mul'isutti Xaa'oo biyyee kumtaala miliyoona 11.2 dhihaatu buufata doonii Jibutii gahe keessaa harki 92 gara biyyaatti fe'amee galeera.

Haaluma kanan Xaa'oo biyyee kumtaala miliyoona 11 fi kuma 160 fi 474 buufata doonichaa gahe keessaa kumtaalli miliyoona 10 fi kumni 270 fi 266 gara biyya keessaatti galeera.

Haaluma walfakaatuun Ebla 1/2016 dooniin xaa'oo NPS baaroon kumtaala kuma 500 fi 450 feete buufaticha kan geesse yoo ta'u guyyoota 18 booda xaa'oon NPS baaroon kumtaalli kuma 636 fi 600 buufata kana akka gahuu Korporeeshinichi beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015