Godina Wallaggaa Lixaatti Qamadiin jallisii bonee lafa heektaara kuma 91 irratti misoome walitti qabame

73

Bitootessa 01/2016(TOI)- Godina Wallaggaa Lixaatti Qamadiin jallisii bonee lafa heektaara kuma 91 irratti misoome walitti qabamuusaa waajjirri qonnaa godinichaa beeksise.

Lafa heektaara kuma 97 qamadii jallisii boneen misoome keessaa oomishni harka 95 ol walitti qabamuusaa waajjirichi beeksiseera.

Hoogganaan waajjirichaa obbo Fayyisaa Hambisaa TOItti  akka himanitti, godinichatti lafti heektaara 97 ol jallisii boneen misoomeera.

Kana keessaa amma ammaatti qamadiin heektaara kuma 91 fi 788 irratti misoome (harki 95 ol) walitti qabamuusaa dubbataniiru.

Oomishni kun qonnaan bulaa gurmeessuu fi teeknooloojii qonnaa fayyadamuun akka ta’e eeraniiru.

Qonnaan bulaan aanaa Najjoo Gannatii Bajuraa, lafa qamadii jallisii boneen misoomsan walakkaa heektaaraarraa oomisha walitti qabaa akka jiran dubbataniiru.

Misooma qanadii jallisii boneen misoomsan gorsa ogeeyyota qonnaarraa argataniin deeggaramanii walitti qabaa akka jiran ibsaniiru.

Baranas misooma kana lafa nuusa heektaaraarrattimisoomsuusaanii kan dubbatan ammoo qonnaan bulaa aanaa Gimbii  Mulaatuu Taaddasaa, qamadii walitti qabanirraa oomisha kuntaala 7 ol akka argatan abdataniiru.

QWayita oomisha walitti qaban qisaasni oomishaa akka hinmudanne yaalii taasifameen sirnaan walitti qabamuusaa dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015