Dureeyyonni Jaappaan hirmaannaa daldalaa fi invastimntii Itiyoophiyaatti qaban cimsuuf fedhii akka qaban ibsan

30

Bitootessa 01/2016(TOI)- Dureeyyonni Jaappaan hirmaannaa daldalaa fi invastimntii Itiyoophiyaatti qaban cimsuuf fedhii akka qaban ibsaniiru.

Ittaanaan komishinarii komishinii invastimantii Itiyoophiyaa Daagaatoo Kumbee garee daldalaa fi invastimantii Jaappaan Itiyoophiyaatti invastimantii addaddaatti bobba’uu fi invastimantii babal’isuuf fedhii qaban waliin mari’ataniiru.

Green kun kaampaaniiwwan oomishaa idil addunyaa beekamoo Paanaasooniik fi Tooyoottaa fi Itiyoophiyaatti invast gochuun hojjecha kan jiru kaampaaniiwwan oomishaa akka motor sayikilii elektiriikii Doodaay iraa kanwalitti dhufe ta’uun ibsameera.

Gareen kun keessumaa dameelee invastimantii Inshuraansii,elektirooniikii fi ‘ICT’, konkolaattota elektiriikii fi invastimantii mosaajii fi kanneen biroorratti bobba’uuf fedhii akka qaban beeksiseera.

 Gareen kun Itiyoophiyaatti dameelee invastimantii addaddaarratti bobba’uuf fedhii agarsiisan ittaanaa komishinarii Daagaatoo dinqisiifatanii, carraa fi filmaata invastimantii Itiyoophiyaa keessa jiru akkasumas fooyyessoota seeraa fi imaammataa irratti garichaaf ibsi taasifameera.

Dabalataanis pirojektoota invastimantii ilaallatan garichi qabaatuuf komishinichi deeggarsaa fi hordoffii akka taasisu mirkaneessuusaanii komishiniin invastimantii Itiyoophiyaa odeeffannoo baaseen beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015