Godina Gujiitti biqiltuun Bunaa fooyya’aan miiliyoona 48 ol qophaa’e

22

Ebla 01/2016(TOI)- Godina Gujiitti biqiltuun Bunaa fooyya’aan miiliyoona 48 ol qophaa’uusaa waajjirri qonnaa godinichaa ibse.

Waajjirichatti dursaan garee misoomaa fi eegumsa  bunaa fi muduraa obbo Birhaanuu Fayyisaa, barana biqiltuu bunaa miiliyoona 69 qopheessuuf karoorfamee aanaalee godinichaa 18 keessatti amma ammaatti biqiltuu bunaa miiliyoona 48 fi 500 qophaa’uu ibsaniiru.

Biqiltuun bunaa fooyya’aan kun jiddugaleessota qorannoo qonnaa Jimmaa fi Awadaayirraa kan bahan ta’uu fi misooma biqiltuu kanaaf aanaalee addaddaa keessatti lafti heektaarri kuma 10 fi 330 ol qophaa’uu eeraniiru.

Oomishni misooma bunaa duraanii oomisha kennuuf waggaa 6 yemmuu fudhatu kan fooyya’e kun waggaa 2’n dursee oomisha akka kennu eeranii, oomisha heektaararraa kuntaala 5 amma 7 argamu kuntaala 10tti akka guddisu dubbataniiru.

Godinichatti jiraataa aanaa Adoolaa Redee ganda Masiinaa Isheetuu Mangashaa lafa heektaara walakkaarratti buna oomishaa akka jiran ibsaniiru.

“Biqiltuu Bunaa duraanii kan fooyya’een bakka buusuun misooma kana bal’isuu fi guddisuuf karoora qaba” jedhaniiru.

Jiraataan gandichaa kan biraa obbo Waaqoo Boomsaa sanyii bunaa duraarraa oomishni argatan waggaa waggaan hir’achaa dhufuusaa ibsaniiru.

Barana sanyii Bunaa fooyya’aan bakka buusuun oomisha guddisuuf gorsa ogeeyyota qonnaatiin maasaa qopheessuusaanii dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015