Ji'oota salgan darban tajaajiloonnii galmee daldalaa fi eeyyamaa miliyoona 1.8 ta'an karaa onlaayinii kennameera.

23

Ebla 1/2016(TOI)- Ji'oota salgan darban tajaajiloonnii galmee daldalaa fi eeyyamaa miliyoona 1.8 ta'an karaa onlaayinii kennamuu Ministeerri Daldalaa fi walitti hidhamsa naannaawwaa beeksise.

Raawwiin isaas ji'a sagal keessaatti hojjechuuf haala karoorfameen yoo ilaalamu harka 88 akka ta'e ministeerichi beeksiseera.

Raawwiin fooyyee qabu kun akka galmaa'uuf yeroo haaromsi jiru Sanbataa fi dilbata dabalatee guyyoota boqonnaa waan tajaajilli kennameefi ta'uu ibseera.

Sadarkaa biyyaatti waliigalaan karaa onlaayinii fi Bakii oofiisii tajaajila galmee fi eeyyama daldalaa miliyoonni lamaa kennamuu beeksiseera.

Tajaajiloota kennaman keessaa galmee daldala haaraa, eeyyama daladala haaraa, eeyyama daldalaa haaromsuu, fooyyesuu, maqaa daldalaa akkasuma kanneen biroo 19 keessaatti argamu.

Sadarkaa federaalaatti ji'oota salgan darban karaa onlaayinii tajaajilli galmee fi eeyyama daladalaa kumni 130 kennamuu ministeerichi beeksiseera.

Bara bajata 2016 sadarkaa biyyaatti tajaajila galmee fi eeyyama daldalaa miliyoona 2.8 kennuuf karoorfamee hojjetamaa jirachuu ragaan Ministeericharra argame ni mul'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015