Xaa’oon qonna gannaaf oolu kuntaalli kuma 348 Naannoo Tigraayi qaqqabeera

26

Ebla 01/2016(TOI)- Xaa’oon qonna gannaaf oolu kuntaalli kuma 348 Naannoo Tigraayi qaqqabuusaa biiroon qonnaa fi qabeenya uumamaa bulchiinsa yeroo naannichaa beeksise.

Xaa’oon dursee naannicha akka galu mootummaan federaalaa deeggarsa olaanaa taasisuunsaa eerameera.

Ittaanaan hoogganaa biirichaa obbo Abarraa Kaddanaw TOI’f akka ibsanitti, bara oomishaa baranaaf xaa’oo galchuuf karoorfame kuntaala  kuma 700 keessaa kuntaalli kuma 348 naannicha qaqqabeera.

Xaa’oo barana naannicha qaqqabe kan bardheengaddaa hafee fi mankuusaa keessa kan jiru kuntaala kuma 100 waliin aanaalee addaddaatti raabsamaa akka jiru dubbataniiru.

Xaa’oon naannicha dursee akka galu ministeerri qonnaa deeggarsa olaanaa taasisuusaa ibsnii, xaa’oo hafe naannichatti geejjibamaa akka jiru eeraniiru.

Oomisha ganna dhufu naannichatti  oomishurraa oomisha kuntaala miiliyoona 22 argachuuf karoorfamee hojjetamaa akka jiru ittaanaan hoogganaa biirichaa ibsaniiru.

Mootummaan federaalaa, dureeyyii fi dhaabbileen mitmootummaa sanyii filatamaa dhiheessuun deeggarsa akka taasisan gaafataniiru.

Qonnaan bultoonni naannichaas sanyii walitti qabuu keessatti xiyyeeffannoon hojjechuu akka qaban waamicha taasisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015