Kubbaaniyyaawwan biyya Hindii filannoowwaan hojii Invastimatii Itoophiyaan qabdu irratti akka hirmataan waamichi taasifame

879

Bitootessa 30/2016(TOI) - Kubbaaniyaawwan biyya Hindii filannoowwaan hojii Invastimantii Itoophiyaan qabdu irratti hirmaachuun akka hojjetan Hinditti ambaasaaddarri Itoophiyaa ambaasaaddar Dammaqaa Atinaafuu waamicha taasisan.

Ambaasaaddar Dammaqaa Atinaafuu waamicha kana kan taasisan Foramii hoggansa daldala idil addunyaa 6ffaa Hindi magaalaa Mobaayitti Yaa'iin daldala Eshiyaa Afirkaa fi waldaaleen damichaa qopheessan irrattidha.

Yeroo ammaa Itoophiyaatti daldala, Oomisha, Albuuda, Infoormeeshin tekinolojii fi damee turizimiin hojii invastimantii dursi kennamuuf ta'uu ta'uu foramicharratti ibsaniiru.

Itoophiyaatti kubaaniyyaawwaan hojii invastimantii adda addaarratti bobba'anii hojjechaa jiran keessaa kubbaaniyyaawwan biyya Hindii lammaaffarratti kan argaman ta'uu beeksisuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarra argame ni mul'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015