Nageenya keessoo keenyaa cimsuuf ittigaafatana keenya nicimsina-jiraattota aanaa Qaalluu

240

Bitootessa 30/2016(TOI)- Nageenya keessoo keenyaa cimsuuf ittigaafatana keenya nicimsina jedhan naannoo Amaaraa godina Walloo Kibbaatti jiraattottonni aanaa Qaalluu.

Hiriirri jijjiirama biyyaa deeggaru aanaa Qaalluu Magaalaa Dagaanitti adeemsifamaa jira.

Ergaawwan nageenya naannichatti amma argame yeroo gabaabaatti gara nageenya waaraatti niceesifna, biyyaa fi ummata ilaalchaa fi gocha humnoota finxaaleyyii muraasaan diigamu hinqabnu, nageenya keessoo keenyaa cimsinee dhiibbaalee alaa injifannoon nixumurra jedhanii fi kanneen biroo darbaa jiru.

Dabalataanis “nageenya naannoo keenyaaf gamtaan nidhaabanna, badhaadhinni biyya keenyaa akka dhugoomu cimnee nihojjenna, Yaalii walootiin nageenya keenya nimirkaneessina” jedhan hiriira deeggarsaa kanarratti darbaa jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015