Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa imala milkaa’aa waggoota 78 ilaalchisuun qophii addaatiin Kaayiriitti balali’e

78

Bitootessa 29/2016(TOI)- Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa imala milkaa’aa waggoota 78 ilaalchisuun seenaasaa keessatti balallii kan itti taasise qophii addaatiin halkan ha’aa Kaayiriitti balali’eera.

Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa akka lakkoofsa Awurooppaatti bara Bitootessa 29 bara 1946 Karaa Asmaraa gara Gibxi Kaayirootti Xiyyaara /5C- 47/’n  balallii jalqabaa taasisuunsaa niyaadatama.

Imala addaa halkan har’aas taasifame irratti hojii raawwachiisaan muummee garee daandii qilleensaa Itiyoophiyaa Masfin Xaasoo, hoogganaan muummee damee daldalaa daandii qilleensichaa Lammaa Yaaddechaa fi hooggantoonni olaanoo fi hojjettoonni daandii qilleensichaa biroo maamiltoota gara Kaayirootti balali’an keessummeessaniiru.

Hojii raawwachiisaan muummee garee daandii qilleensaa Itiyoophiyaa obbo Masfin Xaasoo wayita kana akka jedhanitti, daandiin qilleensichaa cimee hojjechuusatiin milkaa’eera.

Maddi milkaa’ina daandii qilleesnichaa maamiltoota ta’uu ibsaniiru.

Daandiin qilleensichaa waggaa 78 har’aa balallii jalqabaa kan itti taasise Kaayiroon magaalaalee Afriikaa yeroo ammaa balalliin guyya guyyaa addaan hincinne taasifaman keessaa ishee tokko ta’uu dubbataniiru.

Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa Afriikaatti Jeettii jalqabaa galchuun kan dursu yoo ta’u, diriim laayinarii /B767/, /B777-200LR/, /B787/ fi Xiyyaarota /787-9/ hatattamaan gabaatti galchuun bu’aa olaanaa galmeessisaa tureera.

Imala waggoota 70 ol ta’e Kanaan yeroo ammaa Xiyyaarota 147’n sadarkaa idil addunyaatti iddoowwan 136 gahaa akka jiruu fi tajaajila Kaargootiinis Xiyyaarota 16’n gara magaalaawwan idil addunyaa 67tti balali’aa jira.

Kana malees yeroo dhihootti Xiyyaarota ammayyaa fi goddaa 100 ol bituuf walii galtee taasisee Xiyyaaronni ajajamaa akka jiran.

Daandiin qilleensichaa akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 2035tti galii waggaa gara doolaara biiliyoona 67tti guddisuu fi waggaatti imaltoota miiliyoona 67deddeebisuuf mul’ata kaa’ee hojjechaa jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015