Ji'oota sadan darban lafa heektaara miliyoona 2.5 irratti hojiin misooma sululaa hojjetameera jedhame

179

Bitootessa 27/2016(TOI) -Ji'oota sadan darban lafa heektaaraa miliyoona 2.5 irratti hojiin misooma sululaa hojjetamuu Ministeerri Qonnaa beeksise.

Amajjii 1/2016 irraa jalqabee ji'oota sadarn darban raawii hojii misooma sululaa hojjetamee fi sagantaa ashaaraa magariisaa ganna dhufuuf qophii biqiltuu qopheesuu ilaalchisee waltajjiin magaalaa Adaamaatti geggeeffameera.

Waltajjii kanarratti hoggantoonni Biiroo Qonnaan naannolee fi qooda fudhatoonni biroon hirmaataniiru.

Ministeera Qonnaatti dursaan raawwii hojii misooma, eegumsaa fi fayyadama qabeenya uumamaa obbo Faanosee Mokonniin ji'oota sadan darban sululaawwaan kuma 6 fi 200 irratti hojiin daagaa tolchuu dabalatee hojiin kununsa qabeenya umamaaf ooluu biroon hojjetamuu himaniiru.

Kanaanis lafa heekataara miliyoona 2.5 irratti hojjetamuu eeranii hojii kunusa qabeenya uumamaa hojjetame kanarra biqiltuu dhaabuuf qophiin taasifamaa jira jedhaniiru.

Kanaafis biqiltuu biliyoona 9.5 qopheesuuf tattaaffiin taasifamaa jirachuu himanii; ganna dhufu sadarkaa biyyaatti sagantaa ashaaraa magariisaan biqiltuu biliyoona 9.5 dhaabuuf qophiin taasifamaa jira jedhaniiru.

Keessattu Fuduraalee, nyaata beellaadaa, biqiltuu bosonaa fi miidhagna magaalaaf oolaan irratti xiyyeeffannoon hojjetama jiraachuu himaniiru.

Waltajjiin marii har'a qophaa'ee kunis qophii biqiltuu sadarkaa maaliirra akka jiru, bakkaa biqiltuun dhaabbatu adda baasuu, qophii boollaa biltuun keessa dhaabbatuu gamagamuuf kan kaayyeeffatedha jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015