Tamsaasa Kallatti:

Kennaa Lotorii abbaansaa kenneefiin abbaa carraa doolaara miiliyoona afurii

Bitootessa 26/2016(TOI)- Namtichi Ameerikaa jiraataa bulchiinsa Eliinooy belleettoo lotorii abbaansaa kenneefiin abbaa carraa doolaara miiliyoona afurii ta’eera.

Steeven Riichaardis jedhama. Jiraataa bulchiinsa Eliinooyi magaalaa Baariingiten yemmuu ta’u jidduu darbe abbaasaa waliin ciree nyaachuuf mana nyaataa wayita dhaqan abbaansaa kennaa kenneef.Kennaan kun ammoo belleettoo lotorii abbaa doolaara 10nii ture.

Belleettoon lotorii maanguddoon kun gumaachanii battalumatti kan beekamu yemmuu ta’u Steeven argee guddaa akka nahe bulchiinsa lotorii Maasaachuuseetitti himeera.

Belleettoon Lotorii kanaan abbaa carraa doolaara miiliyoona afurii ta’uu koo yemmuun beeku nasuudhaan amanuu hindandeenye. Abbaa carraa ta’uu koo dubbachuun dura bilbila kootiin iskaan taasise jechuun yaada kenne.

Ittaansuun kennaan abbaasaa abbaa carraa akka isataasise haadhawarraasaa akkasumas abbaasaatti himuusaa ‘UPI’ gabaaseera.

Steeven doolaara miiliyoona 4 Lotoriin qaqqabe keessaa amma murtaa’een haadhawarraasaa waliin iddoowwan addaddaa daawwachuuf karoorsuusaa gabaasicharra beekuun danda’ameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015