Sagantaan torbee 20ffaa piriimiyeerliigii Itiyoophiyaa har’a jalqabama

Bitootessa 26/2016(TOI)- Taphoonni torbee 20ffaa piriimiyeerliigii Itiyoophiyaa har’a jalqabamu.

Tapha baniinsaatiin magaalaan Walqixxee Walaayittaa Diichaa waliin guyyaa sa’aatii 10tti Istaadiyeemii Dirreedawaatti nitaphatu.

Magaalaan walqixxee taphoota piriimiyeerliigii shan walitti aansuun taphateen hinmo’anne, lama mo’amee sadii walqixa abaheera.

Qabxii 12’n sadarkaa 15ffaa qabatee sadarkaa gadibu’aarra jira.

Walaayittaa Diichaan taphoota piriimiyeerliigichaa sha walitti aansuun taphateen hinmo’anne, sadiin mo’amee lama qabxii qooddateera, qabxii 24’n sadarkaa 11ffaarra jira.

Tapha torbee 20ffaa biraatiin baankiin daldalaa Itiyoophiyaa Hambaricho duraamee waliin galgala sa’aatii 1tti nitaphatu.

Baankiin daldalaa Itiyoophiyaa taphoota shan darbaniin lama mo’atee tokkoon mo’ameera,lama ammoo walqixa baheera. Qabxii 37’n sadarkaa sadaffaarra jira.

Morkataansaa Hambarichoo Duraamee taphoota shan walitti aansuun taphateen hinmo’anne, afur mo’amee tokko walqixa baheera, qabxii 7’n sadarkaa 16ffaarra jira.

Boru Bunni Itiyoophiyaa  magaalaa Hawaasaa waliin guyyaa sa’aatii 10tti, Faasiil Kanamaa magaalaa Dirreedawaawaliin galgala sa’aatii 1tti nitaphatu.

Taphni torbee 20ffaa kun amma 29 bara 2016tti nitura.

Machaal qabxii 39’n dursaa jira.

Taphataan sarara duraa taphataan magaalaa Hawaasaa Alii Suleymaan goolii 11’n yemmuu dursu taphataan sarara duraa magaalaa Dirreedawaa lammii Yugaandaa Chaarlis Musiigee goolii 9’n lammaffaarra jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015