Godina Arriitti ashaaraa magariisaan biqiltuuwwan miiliyoona 6 tuqaa 5 ol dhaabuuf qophiin taasifameera

147

Bitootessa 25/2016(TOI)- Godina Arriitti ashaaraa magariisaan biqiltuuwwan addaddaa miiliyoona 6 tuqaa 5 ol dhaabuuf qophiin taasifamuu waajjiri eegumsa naannoo fi misooma bosonaa godinichaa beeksise.

Waajjirichatti daarektarri misooma fi eegumsa  bosonaa obbo Kindee Fissahaa TOI’f akka ibsanitti, sagantaa ashaaraa magariisaa baranaatiin biqiltuuwwan miiliyoona 6 tuqaa 5 dhaabuuf karoorfameera.

Baatii Ebla dhufurraa kaasee biqiltuun kan dhaabamu yoo ta’u kanaafis boolloon biqiltuun keessa dhaabamu qopheeffamuu ibsaniiru.

Lafti biqiltuun biyya keessaa irra dhabamu heektaarri kuma 1 fi 899 qophaa’uu dubbataniiru.

Waajjirichatti daarektarii eegumsa naannoo obbo Nuuressaa Mekkaanee, barana  hirmaannaa ummataatiin aanaalee afur keesa dhaabuuf karoorfameera.

Biqiltuuwwan biyya keessaa fi biyya alaa kanneen akka Koosoo, Giraabiiliyaa, Gaattiraa, Waddeessa Shimala,  Buna kkf nidhaabamu.

Kana malees nyaataaf kan oolanii fi faayidaa dinagdee kan qaban Avokaadoo, Muuzii, Paappaayaa fi muduraawwan bal’inaan nidhaabamu.

Keessumaa Shimala bal’inaan oomishuuf karoorfamuu obbo Nuuressaan dubbataniiru.

Godinichatti Shimalli hojii ogummaa harkaa, manaa fi meeshaaf akka oolu kaasanii,  xaa’ummaa lafaa eeguu fi gadhiisii kaarboonii ittisuuf faayidaa olaanaa qaba jedhan.

Bardheengaddaa godinichatti biqiltuun miiliyoona 4 tuqaa 9 dhaabamuu fi kana keessa harkii 89 qabachuun mirkanaa’eera jedhan obbo Nuuressaan.

Godinichatti jiraataan magaalaa Jiinkaa dargaggoo Mindaayee Mitikkuu yaada kenneen faayidaa biqiltuu hubachuun wagga waggaatti sagantii biqiltuu dhaabuurratti nihirmaata.

Saganta biqiltuu dhabuu Ebla dhufuu kaasee taasifamurratti hirmaachuuf qophii ta’uu ibsee, yeroo ammaa biqiltuu qopheesse kunuunsaa akka jiru ibseera.

Biqiltuu maasaasaarratti misoomsaa jiru malees boroosaatti Mooriingaa, Paappaayaa, Gaattiraa, Avokaadoo fi kkf qopheessee gurguraa akka jiru dubbateera.

Walitti hidhamiinsi misooma magariisaan qabu cimaa ta’uu kan ibse dargaggoo Mindaayeen, biqiltuuwwan dhaabe kunuunsaa akka jiru dubbateera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015