Sababa ijaarsa Piyaasaa fi naannawwaa isaatti geggeeffama jiruun daandiin waan cufameef konkolaachiftoonnii filannoo biraa akka fayyadaman Poolisiin hubachiise. - ENA Afaan Oromoo
Sababa ijaarsa Piyaasaa fi naannawwaa isaatti geggeeffama jiruun daandiin waan cufameef konkolaachiftoonnii filannoo biraa akka fayyadaman Poolisiin hubachiise.
Bitootessa 24/2016 (TOI) - Magaalaa Finfinneetti sababa ijaarsa Piyaasaa fi naannawwaa isaatti geggeeffama jiruun daandiin waan cufameef konkolaachiftoonnii filannoo biraa akka fayyadaman Poolisiin magaalaa Finfinnee hubachiise.
Kanaan dura naannawwaa kanatti sababa hojii ijaarsaan daandiin cufaa ta'uu odeeffannoon kennamuus ammaas konkolaachiftoonnii karaa hojiin ijaarsaa geggeeffama jiru kanaan dhufuun hojii ijaarsaa irratti dhiibbaa taasisaa akka jiran poolisiin beeksiseera.
Kanaaf konkolaachiftoonni odeeffannoo kenname hubachuun karaa filannoo biroo akka fayyadamanis hubachiiseera.
Haaluma kanaan:
Addabaabayii Goorigis irraa riqicha Raas Mokonniin
Afincoo Barrii irraa hanga Riqicha Raas Mokonniin
Quddus Maariyaam irraa hanaga kutaa magaalaa Araadaatti
Araat Kiiloo irraa hanga riqicha Raas Mokonniinitti
'Bashaa Woldee Chiloot' irraa kaasee hanga Turistii fi mana amantaa Maariyaamitti
Irri Bekantuu (Kondominiyeemii Qayyi baahir) irraa hanga Addabaabayii Deegooliitti
Daandiiwwan Addabaabayii Deegool irraa gara Riqicha Raas Mokonniin geessaniin seenuun daandii fayyadamuun ykn konkolaataa daandiirra dhaabuun akka hin dandaa'ame ibseera.
Konkolaachiftoonni daandiiwwaan kanneeniin alaa daandii biroo akka filannootti akka fayyadamanii fi ajaja poolisoota tiraafikaa akka fudhatan Poolisiin magaalaa Finfinnee beeksiseera.