Bulchiinsi magaalaa Finfinnee waggaa sadii keessatti dirreewwan Ispoortii kuma 12 ijaaruuf hojjechaa jira –kantiibaa Adaanech Abeebee

209

Bitootessa 21/2016(TOI)- Bulchiinsi magaalaa Finfinnee waggaa sadii keessatti dirreewwan Ispoortii kuma 12 ijaaruuf hojjechaa akka jiru kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee ibsan.

Kantiibaa Adaanech Abeebee dirree Ispoortii  Bisiraate Garbeel Finfinnee kutaa magaalaa Lidataatti argamu eebbisaniiru.

Dirreen ispoortii kana bulchiinsa magaalichaa fi garee invastimantii Miidirooktu waliin hojjete.

Kantiibaa Adaanech Abeebee wayita kana bulchiinsi magaalichaa xiyyeeffannii Ispoortiif kenneen bu’uraaleen ispoortii Finfinneetti bal’inaan ijaaramaa jiru.

Haala Kanaan waggoota sadan dhufanitti dirreewwan ispoortii kuma 12 ijaaruuf hojjechaa jirra jedhan.

Kun ammo dhaloota fayyaalessa naamusaan guutamee fi qaamaan gabbate horachuuf nigargaara jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015