Naannoo Gambeellaatti rakkoo nageenyaa darbee darbee mudachaa jiru furuuf qaamileen nageenyaa Federaalaa fi naannicha mari'atan

496

Bitootessa 20/2016(TOI) - Naannoo Gambeellaatti rakkoo nageenyaa darbee darbee mudachaa jiru furuuf bakka Pirezidaanitiin naannichaa obbo Umuud Ujuluu argamanitti qaamileen nageenyaa Federaalaa fi naannicha mari'atan

Poolisii Federaalaatti qajeelcha waliigala ajaja ittisa yakkaatti itti aanaa komishinaraa  jenerala Malaakuu Faantaa hirmaataniiru.

Komishinar jenaral Malaakuu Faantaa marii kanarratti namoonni tokko tokko garee uumuun lammilee nagaa irraan miidhaa adda addaa geesisa jirachuun barameera jedhaniiru.

Kanneen rakkoo uumaa jiran kanas to'annaa jala oolchuuf waliigalteerra gahamuu beeksisaniiru.

Dabalataan Poolisiin Federaalaa, Raayyaan ittisa biyyaa fi qaamoleen nageenyaa naannicha  qindoominaan rakkoo nageenyaa furuuf gara oppireshiniitti galuun fareen nageenya to'annaa jala oolchaa jiru jedhaniiru.

Itti aanaan komishinar jenaral Malaakuu Faantaan miseensoota raayyaa poolisii naannichatti argamanii, Mooraa godaantootaa fi  Polisii Itoopiyaa dhaabbilee eegan daawwataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015