Tajaajilli oduu Itiyoophiyaa hojmaatota madda odeeffannoo dursaa fi filatmaa isa taasisu cimsuu qaba

780

Bitootessa  20/2016(TOI)- Tajaajilli oduu Itiyoophiyaa hojmaatota madda odeeffannoo dursaa fi filatmaa isa taasisu cimsuu qaba jedhe mana maree bakka bu’oota ummataatti koreen dhaabbataa dhimmoota demokiraasii.

Koreen dhaabbataa kun mootummaa naannoo ummattoota Itiyoophiyaa kibba lixaa magaalaa Boongaa waajjira damee tajaajila oduu Itiyoophiyaa ilaaleera.

Daawwannaa Kanaan TOI’n lammiileef madda odeeffannoo filatamaa fi dursaa guddisuuf hojiilee miidiyaa afaanota addaddaan dabarsuun filatamaa fi dorgomaa ta’uu akka qabaatu koreen dhaabbataa kun kaaseera.

Keessumaa dhimmoonni wayitaawaa afaan namoonni beekaniin karaa sabdaneessummaa eegeenosoo hojjetamanii filatamaa ta’uunsaa cimee akka ittifufu koreen dhaabbataa himeera.

Qindeessaan  garee daawwannaa dirree koree dhaabbtichaa obbo Kadir Idriis TOI’n dandeettiisaa oduu oomishuu fi miidiyaa hawaasaaf ittiin gahu fayyadamee qabeenya guddaa naannichatti argamu beeksisuun irraa eegama jedhan.

Gama biraan waa’ee komishinii marii biyyaalessaa bal’inaan karoorsuun lammiileen haala qabatamaa biyyattiin irra jirtu akka beekan odeeffannoo dabarsuun akka barbaachisu eeraniiru.

Gaazexeessummaa qorannoo ergama dhaabbatichaa isa jalqabaa taasisuun qabsoo malaammaltummaaf qoodasaa bahuu qaba kan jedhan qindeessaan garichaa, kanaafis hojmaata qindaawaa dhaabbilee demokiraasii biroo waliin jiru cimsee ittifufuu akka qabu hubachiisuusaa odeeffannoon mana maree bakka bu’oota ummataarraa argame nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015