Ministirri dhimma alaa ambaasaaddar Taayyee Atsqasillaasee Itiyoophiyaatti ambaasaaddara Ruwaandaa Jeen Chaarlis Kaaraambaan waliin mari’atan

153

Bitootessa 20/2016 (TOI)- Ministirri dhimma alaa ambaasaaddar Taayyee Atsqasillaasee Itiyoophiyaatti ambaasaaddara Ruwaandaa Jeen Chaarlis Kaaraambaan waajjirasaaniitti simatanii  haasofsiisaniiru.

Mariin taasisanis dhimmoota biyyoota lamaanii, qaxanaa fi biyyoonni lamaan Kanaan dura tumsaan hojjetan caalaatti cimsuun haala danda’amurratti kanbxiyyeeffate ta’uun ibsameera.

Ruwaandaan bakka embaasiin Itiyoophiyaa itti hojjetamu kennuunshee cimina hariiroo biyyoota lamaaniif agarsiiftuu ta’uun eerameera.

Qaamonni lamaan fuuldura obbolummaa magaalota Finfinnee fi Kiigaalii jidduu jiru haala caalaa cimurratti mari’achuusaanii odeeffannoon ministeera dhimma alaa nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015