Yaaliin Itiyoophiyaan dirree faayinaansii hunda hammataa uumuuf taasisaa jirtu jajjabeessaadha- baankii addunyaa

86

Bitootessa 20/2016(TOI)- Yaaliin Itiyoophiyaan dirree faayinaansii hunda hammataa uumuuf taasisaa jirtu jajjabeessaa ta’uu baankii addunyaatti dursaan garee qorannoo gabbisa sirna saalaa Afriikaa Maayikil Sulvaan dubbatan.

Dursaan garee qorannoo Maayikil Sulvaan TOItti akka himanitti, Itiyoophiyaa dabalatee hammattummaa dirree faayinaansii Afriikaarratti  hanqina guddaatu jira.

Hammattummaa faayinaansii Itiyoophiyaa guddisuun yoo danda’ame akka biyyaatti wagga waggaan doolaara biiliyoona 3 tuqaa 7 olguddina dabalataa milkeessuun akka danda’amu ibsaniiru.

Sirni faayinaansii hammataa mirkanaa’uun guddina oomishaa waliigalaarratti qooda olaanaa akka qabaatu eeaniiru.

Qaqqabummaa faayinaansii mirkaneessuuf qooda dubartootaa dinagdee keessa jiru guddisuu barbaachisa jedhan.

Hammattummaan faayinaansii guddina galii tokkoon tokkoon namaarratti akka galmeessisu deeggaruurra darbee badhaadhina egereef akka barbaachisu eeraniiru.

Baankiin biyyaalessaa Itiyoophiyaa dirree faayinaansii hammataa uumuuf tarsiimoo faayinaansii hammataa bocuun yaalii taasisaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015