Ittaanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa sosochii eegumsa naannoo biyyaalessaa jalqabsiisan

111

Bitootessa 20/2016(TOI)- Ittaanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa sosochii eegumsa naannoo biyyaalessaa har’a Finfinneetti jalqabsiisan.

Sosochiin kun mata duree “faalamni haagahu miidhaginni haadammaqu” jedhuun baatii jaaha itti aanuuf akka adeemsifamu ibsameera.

Bulchitoonni  bulchiinsa naannoo, hooggantoonni biiroo eegumsa naannoo naannolee fi bakka bu’oonni dhaabbilee idil addunyaa sagantaa jalqabsiisaa kanarratti argamaniiru.

Ittaanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa wayita kana akka ibsanitti, Itiyophiyaan hojii eegumsa naannoo cimaa taasisaa jirti.

Haala Kanaan sagantaa ashaaraa magariisaa dabalatee misooma qarqara lagaa, magaalota miidhagaa fi qulqulluu taasisuuf hojii hedduu hojjechaa akka jirtu dubbataniiru.

Sosochiin eegumsa naannoo biyyaalessaa har’a jalqabame faalama naannawaa ittisuuf akka hojjetamu ibsanii, yaaliiwwan gama Kanaan jalqabaman nicimsa jedhan.

Sosochiin kun magaalonni balfa gatan sirna akka hordofe taasisuuf magaalaa miidhagduu fi mijooftuu ijaaruuf kan akeekame ta’uu himameera.

Sosochiin kun faalama sagalee ittisuufis akka hojjeti dubbataniiru.

Faalama qilleensaa, Bishaanii, biyyoo fi sagalee hir’isuuf hawaasa hirmaachisuun xiyyeeffannoon hojjechuun akka barbaachisus ittaanaa ministira muummee hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015