Itiyoophiyaan walittihidhamiinsa anniisaa qaxanichatti jalqabde cimsitee ittifufti

76

Bitootessa 20/2016(TOI)- Itiyoophiyaan walittihidhamiinsa anniisaa qaxanichatti jalqabde cimsitee akka ittifuftu humni elektiriikii Itiyoophiyaa ibse.

Hojii raawwachiisaan olaanaa dhaabbatichaa Injiinar Ashabbir Baalchaa TOI’f akka ibsanitti, Itiyoophiyaan humna elektiriikii biyyoota ollaaf dhiheessaa jirtu caalaa bal’isuuf hojjechaa jirti.

Itiyoophiyaan humna ibsaa  gabaa biyya alaa Sudaan, Jibutii fi Keeniyaaf amma dhiheessaa jirtu amma Afriikaa Kibbaatti dhiheessuuf akka karoorfame dubbataniiru.

Dhiheenyatti Taanzaaniyaaf dhiheessuuf waliigalamuu eeranii, biyyoonni ollaa biroos fakkeenyaaf Sudaan Kibbaa, Ugaandaa fi Ruwaandaan humna ibsaa Itiyoophiyaarraa fudhachuuf fedhii akka qaban dubbataniiru.

Haala Kanaan Itiyoophiyaan biyyoota kanneen waliin dubbachaa akka jirtu ibsanii, Fuulduras walittihidhamiinsa anniisaa qaxanichatti jalqabde cimsitee akka ittifuftu mirkaneessaniiru.

Itiyoophiyaatti hanni bu’ura misoomaa elektiriikii baay’achaa akka dhufe eeranii, kana ittisuuf tumsa hawaasaa barbaachisa jedhan.

Hanni kun dhaabbilee tajaajiloota addaddaa humna ibsaan kennanirratti gufuu guddaa akka uumu eeranii, kun ammoo biyya miidhaa akka jiru dubbataniiru.

Karaa caasaalee aanaarraa amma gandaatti jiraniin rakkoo kana furuuf hojjetamaa akka jiru eeraniiru.

Haala Kanaan hawaasni hirmaannaasaa  guddisuuf dhiheenyatti miidiyaalee waliin hojiilee hubannoo uumuu akka jalqabamu eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015