Qondaaltonni poolisii Itiyoophiyaa olaanoo nagaagaa kabachiisuuf Sudaan Kibbaa dhaqan gaggeeffaman

120

Bitootessa 20/2016(TOI)- Qondaaltonni poolisii federaalaa Itiyoophiyaa olaanoo ergama nagaagaa kabachiisuu dhaabbata mootummoota gamtoomaniif Sudaan Kibbaa dhaqan gaggeeffamaniiru.

Komishinar jeneraaliin poolisii federaalaa Itiyoophiyaa Dammallaash Gabramikaa’el sirna gaggeessaa kanarratti qondaaltota poolisiif ergaa dabarsaniin raayyaan poolisii Itiyoophiyaa naamusaa fi dandeettii loltummaan dhaabbilee idil addunyaa biratti barbaadamaa fi filatamaa ta’aa akka dhufe ibsaniiru.

Kutaalee hawaasaa fi qondaaltota poolisii biyyoota garagaraa argataniif sadarkaa naamusaa fi ogummaa poolisii poolisiin Itiyoophiyaa amma irra gahe agarsiisuu akka qaban dubbataniiru.

Hirmaannaan idil addunyaa cimee akka ittifufuu fi miseensota raayyaa poolisii carraa kana osoo hin argatiin sooramaan gaggeeffaman fuuldura hirmaachisuuf akka hojjetamu eeraniiru.

Imaltoota nagaa kabachiisuuf deeman ergamnisaanii akka milkaa’u hawwaniiru.

Ittigaafatamaan jiddugaleessa nagaa kabachiisaa poolisii federaalaa Itiyoophiyaa komaandar Tagany Aggaj bobbaatiin nagaa kabachiisaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii addaan cite akka ture kaasanii komishinar Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el fi maanejimantiinsaanii yaalii cimaa taasisanii  jalqabsiisuusaaniif galata qabu jedhan.

Hooggantoonni poolisii federaalaa fi naannolee yeroo addaddaa Sudaan, Sudaan kibbaa fi bulchiinsota Abiyyee fi Haayitiitti bobba’an dirqama kennameef ga’umsaan bahachuun biyyaa fi dhaabbatasaanii beeksisuusaanii dubbataniiru.

Hooggantoonni poolisii olaanoo nagaa kabachiisuuf bobba’an biyya dhaqanitti aadaa fi duudhaa kutaalee hawaasaa eegumsa isaan barbaachisuu kabajuun akkuma Kanaan duraa maqaa biyyaa fi dhaabbata keenyaa olka’ee akka kaafamu gochuuf qophaa’uusaanii dubbataniiru.

Baay’inni  dubartoota hirmaattoaa amma ammaatti kan ture kan caaluu fi hooggantoonni dubartootaa 11 kan hirmaatan ta’uun akka adda isa taasisuu fi cimee akka ittifufu ibsamuusaa odeeffannoon poolisii federaalaarraa argame nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015