Paartichi qormaataa fi dhiibbaa isa mudatan ciminaan darbuun injifannoo hawaasummaa fi dinagdee galmeessisaa jira- obbo Shimallis Abdiisaa

176

Bitootessa 20/2016(TOI)- Paartiin badhaadhinaa naannoo Oromiyaatti  qormaataa fi dhiibbaa isa mudatan ciminaan darbuun injifannoo hawaasummaa fi dinagdee galmeessisaa akka jiru miseensi hojii raawwachiisaa paartichaa fi pirezidaantiin nannichaa obbo Shimallis Abdiisaa ibsan.

Konfaransiin paartichaa mata duree “ jechi hojiidhaan badhaadhina Itiyoophiyaaf” jedhuun sadarkaa naannoo Oromiyaatti magaalaa Adaamaatti taa’amaa jira.

Obbo Shimallis Abdiisaa wayita kana akka jedhanitti, paartichi waggoota darban hojii bu’uuraa cabiinsa dinagdee fayyisuun itti danda’ame hojjeteera.

Biyyittiin rakkoo keessa jirtu keessaa akka baatu paartichi humna guutuun hojjechuun gama siyaasaa, hawaasummaa fi dinagdeen injifannoo galmeessisaa jira jedhaniiru.
 

Qormaataa fi dhiibbaan osoo abdii hinkutatiin ummataa fi miseena guutuu walittiqabuun injifannoo galmeessifneerra kan jedhan obbo Shimallis, konfaransichi rakkoolee jiran adda baasuun kallatti fuulduraa nikaa’a jedhan.

Waggoota lamaa fi walakkaa dhufan karoora misooma hawaasummaa fi dinagdee adda baasuun qulqullinaa fi hatattamaan raawwachuun akka barbaachisu hubachiisaniiru.

Hojmaata badaa, hannaa fi gochoota seeraan alaa sirreessuu fi sirna qabachiisuun imala badhaadhimaa waloomaan milkeessuuf tumsi akka taasifamu ibsaniiru.

Miseensii fi hooggansi humna guutuun ummata naannichaa hunda sochoosuun injifannoo caaluuf tumsuun akka barbaachisu hubachiisaniiru.

Paartii badhaadhinaatti ittigaafatamaan waajjira damee naannoo Oromiyaa obbo Fiqaaduu Tasammaa gamasaaniin paartichi aantummaa ummataan guutamee injifannoo guddaa galmeessisaa akka jiru dubbataniiru.

Paartichi maalummaa seenessa waloo biyyaalessaa fi tokkummaa sabdaneessummaa irratti bu’uureffate ijaaruuf hojiilee hedduu hojjechaa akka jiru ibsaniiru.

Keessumaa kallattiiwwan yaa’ii dhaabbatichaa jalqabaarratti kaa’aman irratti bu’uureffachuun dagantaa fooyyessa dinagdee biyya keessaa hojeeffamuu yaadachiisaniiru.

Haala Kanaan nyaataan ofdanda’uuf, oomishoonni qonnaa fi industirii qulqullinaa fi baay’inaan oomishuun oomishoota alaa galan bakka buusuuf hojjetamaa jira jedhan.

Fuulduras nageenya cimsuu, misooma hawaasummaa fi dinagdee cimsuun ittifufsiisuurra darbee finxaalessummaa dhabamsiisuuf ciminaan nihojjetama jechuun ibsaniiru.

Konfransichi milkaa’inoota waggoota lamaan darban gama siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaan argaman ittifufsiisuuf kallattiin kan itti kaa’amu akka ta’e obbo Fiqaaduun eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015