Naannoo Gaambeellaatti qonna gannaatiin lafti heektaara kuma 164 olirra midhaan addaddaa nifacaafama

61

Bitootessa 19/2016 (TOI)- Naannoo Gaambeellaatti qonna gannaatiin lafa heektaara kuma 164 ol midhaan addaddaan misoomsuuf hojjetamaa akka jiru biiroon qonnaa fi qabeenya uumamaa beeksise.

Ittigaafatamaan Biirichaa obbo Ujuluu Lowaal TOI’f akka ibsanitti, bara oomishaa 2016/17 naannichatti hojeeffamuu kan jalqabe tiraanisfoormeeshinii qonnaa milkeessuun haala dandeessisuun hojjetamaa jira.

Misooma qonnaa gannaa mekaanaayizeeshinii qonnaa, sanyii filatamaa fi galteewwan teeknooloojii qonnaa birootiin deeggaruun oomishtummaa guddisuuf hojiiwwan deeggarsaa fi hordoffii hojjetamaa akka jiran dubbataniiru.

Aanaalee naannichaa hundatti tiraaktaroonni qonnaa haaraa fi kan duraanii 48 bobbaasuun qophii maasaaf galtee akka ta’an bobbaafamuu dubbataniiru.

Bara oomishaa kanatti lafa heektaar kuma 164 caalu midhaan addaddaa misoomsuun oomisha kuntaala miiliyoona shanii ol walitti qabuuf karoorfamuu ibsaniiru.

Lafti kun kan bardheengaddaa waliin walbiratti yoo ilaalamu heektaara kuma 13, oomishaan ammoo kuntaala miiliyoona tokko tuqaa shaniin nicaala jedhamee  akka eegamu himaniiru.

Tiraanisfoormeeshinii qonnaa Kanaan sanyiin filatamaa boqqoolloo, Ruuzii, qamadii, atoo boonsituu fi kanneen biroo raabsuun akka jalqabame ibsaniiru.

Misooma qonnaa ammayyeessuun oomishtummaa guddisuuf qonnaan bultoota dureeyyii naannawasaa walii walitti hidhuun bu’a qabeessa taasisuuf hojjetamaa akka jiru himaniiru.

Aanaalee tiraaktarri itti bobbaafame keessaa ittaanaan bulchaa fi ittigaafatamaan biiroo qonnaa fi qabeenya uumamaa aanaa Goodarree obbo Kumtuu Toowu yaada kennaniin, misooma qonna gannaa bara 2016/17’f sosochii ummataa uumuun hojiitti galamuu dubbataniiru.

Yeroo ammaa tiraaktaroota bardheengaddaa deeggarsa taasifaman hojii jalqabsiisuun midhaan dafanii faca’aniif qophiin maasaa taasifamaa akka jiru eeranii, “tiraaktaroonni haaraa deeggarsa taasifaman qonna gannaaf humna dabalataa kan uumanidha” jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015