Paartiin badhaadhinaa tumsa tarsiimawaa paartii koministii Chaayinaa waliin qabu itti fufa-obbo Addisuu Araggaa

140

Bitootessa 20/2016(TOI)- Paartiin badhaadhinaa tumsa tarsiimawaa paartii koministii Chaayinaa waliin qabu cimsee itti fufa jedhan ittigaafatamaan damee hariiroo ummataa fi idil addunyaa paartii badhaadhinaa obbo Addisuu Araggaa.

Jilli hooggantoota olaanoo paartii badhaadhinaa sadarkaa addaddaarra jiranii kan obbo Addisuu Araggaan durfamu Chaayinaa Beejiing dhaqeera.

Daawwannicha ilaalchisuun obbo Addisuun akka ibsanitti, paariin koministii Chaayinaa fi paartiin badhaadhinaa tumsa tarsiimawaa fi michooma caalaatti cimsuuf haala danda’amurratti hooggantoota paartichaa addaddaa waliin nimari’atama.

Ijaarsa paartii, sosochii ummataan misooms egeree mirkaneessuu, dhimmoota ummataa fi idil addunyaarratti waljijjiirraan muuxannoon akka taasifamu ibsaniiru.

Akkaataa sagantaa qabameen hooggantoonni paartii koministii Chaayinaa garee kanaaf ibsa kennaa jira.

Tarkaanfiiwwan Badhaadhina Chaaynaa mirkaneessuuf fudhataman, karaan eenyummaa daneessaa osoo waliin hinmakiin guddina dhugoomsuuf deemame, qajeelfamni dippilomaasii dhimma keessa biyyootaa seenuu dhiisuu bu’aan argisiise ibsa nitaasifama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015