Hojiiwwan misoomaa jireenya jiraattota magaalaa Finfinnee egereef fayyadamaa taasisan cimanii ittifufu-Kantiibaa Adaanech Abeebee

242

Bitootessa 19/2016(TOI)- Hojiiwwan misoomaa jireenya jiraattota magaalaa Finfinnee egereef fayyadamaa taasisan cimanii akka ittifufan Kantiibaan magaalattii Adaanech Abeebee ibsan.

Kantiibaa Adaanech kanneen misoomaaf jecha bakkaa ka’an, dadhabootaa fi kanneen biyyaaf oolmaa oolaniif kutaa magaalaa Nifaas silk Laaftootti ijaarsa manaaf dhagaa bu’uraa kaa’aniiru.

Ijaarsi kun rakkoo mana jireenyaa namoota hedduu akka furuu fi jireenya lammiilee jireenya gadaanaarra jiranii fooyyessuuf kan dandeessisudha jedhan.

Gamoowwan ijaaraman sadii baasiinsaa guutummaatti dureeyyota tola ooltotaan ta’uu fi guyyoota 90 keessatti akka xumuramu ibsaniiru.

Qonni magaalaa. Dhaalli leemataa, ijaarsi manaa fi pirojektoonni namarratti xiyyeeffatan biroon hojjetamaa akka jiran kantiibaa Adaanech dubbataniiru.

Fuulduras hojiiwwan misoomaa  jiraattota magaalattii egereef fayyadamoo taasisan hojjechuun yaalii qindaa’aa mootummaa fi dureeyyii ittifufa jedhaniiru.

Dureeyyiin tola ooltotaa gamasaaniin, hojiilee misoomaa namarratti xiyyeeffatan kan Finfinneetti hojjetamaa jiranirratti hirmaannaasaanii akka ittifufan dubbataniiru.

Kantiibaa Adaanech Abeebee dabalatee hooggantoonni olaanoo bulchiinsa magaalaa Finfinnee,dureeyyii fi keessummoonni afeeraman saganticharratti argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015