Mootummaan Faransaayi suphaa bataskaanota Laalibalaa dabalatee deeggarsi hojiilee misoomaa addaddaaf taasisaa jiru onnachiisaa ta’uun ibsame

312

Bitootessa 19 /2016 (TOI)- Mootummaan Faransaayi suphaa bataskaanota Laalibalaa dabalatee deeggarsi hojiilee misoomaa addaddaaf taasisaa jiru onnachiisaa ta’uun ibsame.

Bulchaan bulchiinsa naannoo Amaaraa obbo Araggaa Kabbadaa Itiyoophiyaatti ambaasaaddara Faransaay Reemii Maariishoo waliin misoomaa fi deeggarsa ilaalchisuun magaalaa Bahaardaaritti mari’achaa jiru.

Bulchaan bulchiinsa kun maricharratti akka jedhanitti, hojiin mootummaan Faransaayi misooma tuurizimii, fayyaa fi misooma biroo deeggaruun hojjechaa jiru onnachiisaadha.

Suphaa bataskaanota Laalibalaa, Hoospitaala Dasee fi hojiin qonnaa akka si’atu deeggarsa taasifame akka agarsiiftuutti eeraniiru.

Deeggarsii fi tumsi namoomaa lammiilee naannichaa rakkoo uumamaa fi namtolcheen miidhamaniif mootummaa Fayansaayiin taasifamaa jiru cimee akka ittifufu bulchaan bulchiinsaa kun himaniiru.

Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Faransaayi Reemii Maariishoo gamasaaniin, damee qonnaatiin naannichatti sanyii filatamaa dhiheessuun oomishtummaa qonnaan bulaa guddisuuf akka deeggaran dubbataniiru.

Kun ammoo dinagdee naannichaa cimsuuf akka ta’e dubbataniiru.

Haala Kanaan Kanaan dura deeggarsa suphaa hambaa, fayyaa fi dameelee misooma biroon taasisaa turan bal’isuuf akka ta’e ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015