Misoomni kooriidaraa Finfinnee misooma magaalaarra darbee lammiilee balaa ibiddaa fi tasaaf saaxilamoo ta’an kan baraaredha

71

Bitootessa 19/2016(TOI) - Misoomni kooriidaraa Finfinnee misooma magaalaarra darbee lammiilee balaa ibiddaa fi tasaaf saaxilamoo ta’an kan baraare ta’uu komishiniin hooggansa hojii yaaddoo ibiddaa fi balaa tasaa ibse.

Komishinichi balaawwan uumamaa fi namtolchee dursee ittisuu fi yoo mudates deebii hatattamaa kennuuf itti gaafatamni kennameeraaf.

Komishinichatti ittaanaa komishinariin damee hir’isa yaaddoo balaa Yikfelew Waldamasqal, balaawwan ibiddaa, konkolaataa, ijaarsi jiguu, sigiggoon lafaa fi lolaan finfinneetti kan mudatan ta’uu eeraniiru.

Kanaaf ammoo ijaarsi manneenii walitti hiiquu, dhiphinni daandii, shiboon elektiriikii walirra aanuu fi ujummoowwan dhangala’aa dabarsan cufamuun akka sababaatti eeramu jedhan.

Baatiiwwan jahan bara bajataa 2016 balaawwan addaddaa Finfinneetti qaqqabaniin lubbuun namoota 31 darbuu fi qabeenyi birrii miiliyoona 467tti tilmaamamu barbadaa’uu eeraniiru.

Misoomni kooriidara daandii Finfinneetti hojjetamaa jiru misooma magaalaarra darbee lammiilee ibiddaa fi balaa tasaaf saaxilamoo ta’an rakkoorraa kan oolche ta’uu ibsaniiru.

Hojiin kooriidaraa fi deebisanii ijaaruu Finfinnee kan miidhagsu ta’uu dubbataniiru.

Sagantaan misooma kooriidaraa manneen pilaaniin akka ijaaraman, daandiin akka bal’atu, toora ibsaa ammayyaa diriirsuu fi ujummoowwwan dhangala’aa qulqullinaan akka hojjetaman taasisa jedhan.

Iddoowwan hedduun ibidda, lolaa, muddama tiraafikaa fi balaawwan biroorraa kan baraare ta’uu eeraniiru.

Misoomni kooriidaraa hojii guddummaa magaalaa Finfinnee madaalu hojjechuu fi jiraattotaaf mijattuu taasisuuf hojii deebisanii ijaaruu jalqabame ta’uu ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad ibsuunsaanii niyaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015