Magaalichaatti sagantaa ashaaraa magariisaa bara kanaaf biqiltuun miliyoonni 15 ol qophaa'eera

97

Bitootessa 19/2016(TOI)- Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti sagantaa ashaaraa magariisaa bara kanaaf kan oolu biqiltuun miliyoonni 15 qophaa'uu Biiroon miidhagnaa fi misooma magariisaa magaalichaa beeksise.

Bara kana yeroo 6ffaaf kan geggeeffamu sagantaa ashaaraa magariisaa sadarkaa biyyaatti qophiin taasifamaa jira.

Bulchiinsa magaalaa Finfinneettis sagantaa kanaaf qophiin guddaan taasifamaa jirachuu Biiroon Miidhagnaa fi misooma magariisaa magaalichaa beeksiseera.

Biirichaatti dursaan garee dhiheesii galteewwanii buufataalee biqiltuu Geetinnat Adimaasuu maagalichatti sagantaa ashaaraa magariisaa bara kanaaf kan oolaan biqltoonni gosa garaagara buufatalee biqiltuu sagalitti qophaa'aa jiraachuu beeksisaniiru.

Haaluma kanaan buufataalee kanneenitti biqiltuun miliyoonni 15 qopha'uu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015