Itoophiyaan qaxanichaatti fayidaan waloo akka mirkanaa'uuf hojiiwwan milkaa'oo hedduu hojjeteetti

112

Bitootessa 19/2016(TOI) - Itoophiyaan erga jijjirmaa as qaxanichaatti fayidaa waloo mirkaneesuuf hojii bu'a qabeessa ta'an hedduu hojjechuu ogeessii seeraa, saayinsii nageenyaa fi misoomaa doktar Roobaa Pheexiroos beeksisan.

Marii paanaalii Tajaajilli Oduu Itoophiyaa Ministeera Nageenyaa fi Humna Elektirikii Itoophiyaa waliin ta'uun mata duree ''Nageenya qaxanaa fi walooma walitti dhufeenya dinagdee waaraaf'' jedhuun qopheesse geggeeffameera.

Marii paanaalii kanarratti miseensoota mana maree bakka bu'oota uummataa, Ministira nageenyaa Binnaalif Andu'aaleem, Hoji geggeessaa olaanaa humna Elektirikii Itoophiyaa injinar Ashabbir Baalchaa, Deetaa ministira daldalaa fi walitti dhufeenya naannawwaa Fisahaa Yittaaggazuu, deetaa ministira nageenyaa doktar Kayiradiin Tazarraa dabalatee hoggantoonni hojii mootummaa biroo fi keessuummoonni waamichi taasifameef hirmaataniiru.

Hayyuu seeraa, saayinsii nageenyaa fi misoomaa kan ta'an doktar Roobaa Pheexiroos bareeffamaa mariif ta'uu mata duree ''Walitti hidhaminsa qaxanaa fi fayyadamummaa waloo uummatootaa '' jedhuun dhiheessaniiru.

Ibsa isaaniin Itoophiyaan erga jijjiramaa as fayidaan waloo qaxanichaa akka mirkaanaa'uuf hojiiwwan bu'a qabeessa ta'an hedduu hojjeteetti jedhaniiru.

Qaxaanaan gaanfa Afrikaa yaaddoo fi abdii jiru walqixa kan keessuummeessan ta'uu eeranii; kana hubachuun Itoophiyaan qajeeltoo waliin misoomuu bu'uura godhachuun hojii misoomaa fayidaa waloo irratti xiyyeeffatan hedduu hojjechaa jirti jedhaniiru.

Qaxanichatti nageenyaa fi tasgabbii waaraa uumuuf hirmaanaan Itoophiyaa olaanaa ta'uu himaniiru.

Insheetivii Gaanfa Afrikaa akkasuma ashaaraa magariisaan naannawwicha walitti hidhuuf hojii hojjetameen bu'aan guddaan argamuu eeraniiru.

Walitti dhufeenya daldalaa gama daldalaan, bu'uuraalee misoomaan, Geejibaan fi misooma humna Elektirikiin hojiiwwaan qaxanichaatti Itoophiyaan qabatamaan hojechaa jirtu ta'uu akka fakkenyaatti eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015