Itiyoophiyaan qaxanaa Afriikaa Bahaatti yaaliin nageenya waaraa, misoomaa fi walittihidhamiinsa daldalaa uumuuf taasiftu cimee ittifufa

113

Bitootessa 19/2016(TOI)- Itiyoophiyaan qaxanaa Afriikaa Bahaatti misooma waloo, nageenya waaraa fi walittihidhamiinsa daldalaa uumuuf yaaliin taasiftu cimee kan ittifufu ta’uu ministirri nageenyaa Binnaalf Andu’alam ibsan.

Mariin paanaalii mata duree “nageenyi qaxanaa fi waloomni walittihidhamiinsa dinagdee egereef” jedhuun qophaa’e konpileeksii miidiyaa ammayyaa TOI keessatti taa’amaa jira.

Waltajjicharratti haasawa ka’umsaa kan taasisan ministirri nageenyaa Binnaalf Andu’alam, Itiyoophiyaatti misooma si’achiisuu fi fayyadama ummataa mirkaneessuuf hojiiwwan hedduun hojjetamaa jiru.

Misooma waloon gamatti nageenya keessoo mirkaneessuu, eeguu fi egeree gochuuf yaalii hunda keenyaa barbaachisa jedhan.

Naannawoota waldhabdee fi walitti bu’iinsi turanitti yeroo ammaa nageenyii fi tasgabbiin uumamuusaa yaadachiisanii, gumaacha hawaasni kanaaf taasiseef galateeffataniiru.

Nageenya argame ittifufsiisuuf mootummaan yaaliiwwan hedduu taasisaa akka jiru eeranii, deeggarsi qaamolee hundaa akka ittidabalamu gaafataniiru.

Gama mootummaatiin rakkoolee kamiyyuu mariin hiikuuf ejjennoon cimaan jiraachuu kan ibsan ministirichi, walitti bu’iinsarraa miidhaa malee homtuu hinjiru jedhaniiru.

Kanaaf biyya kan fayyaduu fi hundaaf bu’aa kan qabu filmaata nageenyaa fi marii qofa akka ta’e cimsanii dubbataniiru.

Sochii shororkeessaa, karaa seeraan alaa namoota deddeebisuu fi daldala seeraan alaa gaanfa Afriikaatti taasifamu ittisuuf yaalii taasifamu Itiyoophiyaan gumaacha olaanaa taasisaa akka jirtu ibsaniiru.

Naannawi gaanfa Afriikaa rakkoolee hedduun kan qoramu ta’uu obbo Binnaalf kaasanii , dhimmoota fayyadama waloo mirkaneessanirratti hojjechuu barbaachisa jedhan.

Nageenya qaxanaa mirkaneessuun tumsa qaamolee hedduu akka gaafatuibsanii, walittihidhamiinsi Yuunivarsiitiiwwan Itiyoophiyaa bahaatti argaman Yuunivarsiitiiwwan biyyoota qaxanichaa addaddaa waliin jalqabanakka fakkeenyaatti akka eeramu dubbataniiru.

Muuxannoo akkasii naannawoota hundatti bal’isuun akka barbaachisu ibsaniiru.

Hojii raawwachiisaan olaanaa Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa Seeyifee Darribee, TOI’n ergamasaa waliigaltee biyyaalessaa uumuu fi biyya ijaaruu sirnaan bahachaa jira jedhaniiru.

Dhimmoota faayidaa biyyaa qabanirratti waltajjii uumuun lammiileen faayidaa biyyaalessaa irratti ilaalcha walfakkaataa akka qabaatan hojjechaa akka jiru dubbataniiru.

Fuulduras waltajjiiwwan lammiileen faayidaa biyyaalessaaf waloomaan akka dhaabatan qopheessuun ergama biyyaalessaa bahachuuf nihojjeta jechuun mirkaneessan.

Tajaajilli oduu Itiyoophiyaa Kanaan dura waltajjiiwwan faayidaa biyyaalessaa qaban qopheessaa turuunsaa niyaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015