Yeroo kamiyyuu caalaa qindoominaafi tokkummaa keenya cimsuun nageenyi waaraan biyya keenya keessa akka jiraatu hojjechuu qabna

23

Bitootessa 19/2016(TOI) - Yeroo kamiyyuu caalaa qindoominaafi tokkummaa keenya cimsuun nageenyi waaraan biyya keenya keessa akka jiraatu hojjechuu qabna jedhan Pirezidaantiin mana maree waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Shee Hajii Ibraahim Tufaa

Sagantaan Afxaraa guddaan daandiirraa 4ffaan kaleessa mata duree ''Afxara keenya tokkummaa keenyaaf'' jedhuun magaalaa Finfinneetti haala miidhagaa ta'een gaggeeffame

Sagantaa kanarratti kan argaman Pirezidaantiin mana maree waliigalaa dhimmoota Islaamaa Itoophiyaa Shee Hajii Ibrihaahim Tufaa agarsiistuu walitti qabamuu fi waloomaa kan ta'e baatii Ramadaanaa keessa waliin Afxaruun keenyaaf galanni keenya guddadha jedhaniiru.

Baatii kabajamaa kana keessa sooma soomaa jirru yeroo kabajnu kanas biyyaatti bakka adda addaatti balaa uumamaa fi namtolcheen lammilee rakkoof saaxilaman gargaaruun ta'uu qaba jedhaniiru.

Kanneen rakkatan gargaaruun cinaatti; yeroo kamiyyuu caalaa qindoominaa fi tokkummaa keenya cimsuun nageenyi waaraan biyya keenya keessa akka jiraatu hojjechuu qabna jedhaniiru.

Sagantaan Afxaraa kun akka milaa'uuf bulchiinsa magaalaa fi qaamolee nageenyaa deeggarsa taasisan galateeffataniiru.

Pirezidaantiin mana maree dhimmootra Islaamummaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee Shee Sulxaan Amaan sagantaa Afxaraa kun tokkummaa fi walooma karaa ittiin cimsannu keessa tokkodha jedhaniiru.

Baatii Ramadaanaa kabajamaa kana keessa soomni soomnu akka nuuf fudhatamu kadhachuu qofaan osoo hin taane tokkummaa fi nageenya biyya keenyaaf gahee keenya ni baana jedhaniiru.

Gorsaan olaanaa Pirezidaantii mana maree waliigalaa dhimmoota Islamaa Itoophiyaa fi qindeessaa olaanaa sagantaa Afxaraa guddicha daandiirra Ustaaz Abubakar Ahimad Soomni ramadaanaa baatii walitti dhufeenyaa fi waloomaa ta'uu eeraniiru.

Baatiin Ramadaanaa tokkummaan kan irratti calaqqisu, kan qabu kan hin qabneef itti qoodu fi tokkummaan caalaatti kan itti cimu ta'uu himaniiru.

Sagantaa Afxaraa guddichaa irratti kanneen dorgommii Quraanaa innjifataniif beekamtii fi badhaasni kennameera.

 

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015