Neetiwoorkiin Dubartoota Ogeeyyii Faayinaansii Itoophiyaa hundeeffame

139

Bitootessa 19/2016 (TOI)- Fayyadamummaa faayinaansii dubartootaa guddisuuf Neetiwoorkiin Dubartootaa Ogeeyyii Faayinaansii Itoophiyaa hundeeffame.

Neetiwoorkichi walta’iinsa Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaatii fi Baankii Addunyaan kan hundeeffame yoo ta’u, fayyadamummaa faayinaansii guddisuu dabalatee, dubartoonni gara hoggansaatti akka dhufan kan tumsuudha jedhameera.

Adeemsa guddina dinagdee Itoophiyaa keessatti dubartoonni gahee isaanii akka bahatan carraa uumuuf kan kaayyeffate ta’uun eerameera.

Sagantaa hundeeffamaa kanarratti kan argaman bulchaan waliigalaa Baankii biyyaalessaa Itoophiyaa Maammoo Miratuu hirmaachisummaa Faayinaansii irratti hirmanaan dhiirootaa fi dubartoota jidduu kan wal hin madaalleedha jedhaniiru.

Kanaaf tarsimoon hirmaachisummaa faayinaasii kun garaagarummaa Dhiirootaa fi dubartoota jidduu gama kanaan jiru dhiphisuuf kaayyeeffateedha jedhaniiru.

Sirna faayinaanisii waaraa fi wal amantee qabu ijaaruuf baankichi sirna baankii hirmaachisaa ijaaruuf kan hojjetu ta'uus hubachiisaniiru.

Dhaabbileen Faayinaansii dubartoota gara hoggansaatti fiduunis sadarkaa biyyaatti hirmataa fi fayyadamoo taasisuu kan dandeesisudha jedhaniiru.

Neetiwoorkii Dubartoota Ogeeyyii Faayinaansii hundaa'uun isaa hirmaannaa dubartoonni faayinaanisii keessaatti qaban guddisuuf kan gargaaru ta'uu eeraniiru.

Kaayyoon Neetiworikichaas dubartoota gama hundaan gahoomsuu fi wal qixummaa koorniyaa kan mirkaneessuu waan ta'eef baankichi deeggarsa barbaachisu ni taasisa jedhaniiru.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015