Mariin Paanaalii nageenya naannaawwaa fi tumsa walitti dhufeenya dinagdee waaraa ta'erratti xiyyeeffate geggeeffama jira

90

Bitootessa 19/2016(TOI) - Mariin Paanaalii nageenya naannaawwaa fi tumsa walitti dhufeenya dinagdee waaraa ta'erratti xiyyeeffate Finfinneetti geggeeffama jira

Marii kana Tajaajila Oduu Itoophiyaatu mata duree ''Nageenya naannawwaa fi walooma walitti dhufeenya dinagdee waaraaf'' jedhuun Ministeera nageenyaa fi Humna Elektirikii Itoophiyaa waliin ta'uun qopheesse.

Marii paanaalii kanarratti miseensoota mana maree bakka bu'oota uummataa, Ministira nageenyaa Binnaalif Andu'aaleem, Hoji geggeessaa olaanaa humna Elektirikii Itoophiyaa injinar Ashabbir Baalchaa, Deetaa ministira daldalaa fi walitti dhufeenya naannawwaa Fisahaa Yittaaggazuu, deetaa ministira nageenyaa doktar Kayiradiin Tazarraa dabalatee hoggantoonni hojii mootummaa biroo fi keessuummoonni waamichi taasifameef hirmaataniiru.

Marii paanaalii kanarratti; waraqaan mariif ta'uu kan fayidaa Nageenyi naannawwa fi waloomni tumsa dinagdee waaraa ta'ee irratti qaburratti xiyyeeffate dhihaatee irratti mari'atamaa jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015