Aadde Adaanech Abeebee sababa misoomaan lammilee bakka jireenyaa isaaniirra ka'aniif kan ooluu ijaarsa mana jireenyaaf dhagaa bu'uura kaa'an

60

Bitootessa 19/2016(TOI) - Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee sababa misoomaan jiraatoota magaalichaa bakka jireenyaa isaaniirra ka'anii fi manguddootaaf kan ooluu ijaarsa mana jireenyaaf dhagaa bu'uuraa kaa'an.

Dhagaan bu'uuraa ijaarsa manneen jireenyaa kanaas kan kaa'ame kutaa magaalaa Laaftoo naannaawwaa Labuudha jedhameera.

Manneen jireenyaa kunis gamoowwaan 3 abbaa darbii shanii yoo ta'an walii galaan manneen jireenyaa 108 of keessaa kan qabanidha jedhameera.

Ijaarsi gamoowwan kanneen deeggarsa abbootii qabeenyaan kan ijaaramu yoo ta'u ijaarsi isaas guyyyoota 90 keessaatti ni xumurama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015