Sanyii filatamaa akaakuu gara garaa sadarkaa barbaadaniin dhiheennatti argachuu keenyaan oomishtummaan keenya dabaleera-qonnaan bultoota aanaa Sinaanaa

43

Bitootessa 18/2016(TOI)-Sanyii filatamaa akaakuu gara garaa sadarkaa barbaadaniin dhiheennatti argachuun isaanii oomishtummaa isaanii dabaluuf kan qarqaaru tahuu Qonnaan bultoonni godina baalee aanaa sinaanaa dubbatan.

Gatiin gurgurtaa sanyii filatamaa yeroo gara yerootti dabalaa dhufe sodaa itti uumuus qonnaan bultoonni dubbatanii jiru.

Dhiheessii sanyii filatamaa si’eessuuf intarpiraayizichaaf qonnaan bulaa jiddutti riqicha ta’anii hojjachuun bu’aa ofii argataniin cinaatti qonnaan bulaan qe’ee isaarraa osoo hin fagaanne sanyii filatamaa akka argatuuf tumsaa jiraachuu kan dubbatan ammo ''Ejentii'' raabsaa sanyii dhaabbatichaa kan ta’an obbo Nuuraddiin Amaani. 

Intarpiraayizichatti hoji geeggessaan damee Baalee obbo Muluqan Aschaaloo akka jedhanitti, intarpiraayizichi hanqina sanyii filatamaa qonnaan bultootaa xiqqeessuun oomishtummaa dabaluuf hojjachaa jira.

Intarpiraayizichi sanyii akaakuu gara garaa bara dabre oomishe kan facaasaa yeroo 2016/2017f oolu kuntaala  kuma 360 tahu qulqulleessaa jiras jedhan.

Sochii hanga ammaatti taasifameenis kuntaalli kuma 140 ol qulqulleessuun facaasaa yeroo arfaasaaf godinaalee Oromiyaa gara garaatiif raabsuu jalqabuu eeran.

Sanyiin intarpiraayizichaan raabsamaa jiran dhibee waagii dandamachuun calla gaarii kanneen kennan giddugaleessota qorannoo qonnaa Sinaanaa, Qulumsaa, Amboo fi kanneen biroo irraa qorannoon bahan ta’uus obbo Muluqan himan.

Yaaddoo gurgurtaa gatii sanyii filatamaatiin walqabatee qonnaan bultoonni kaaasan yeroo deebisan ''gatiin kan murtaa'u intarpiraayizii Oromiyaa qofaan osoo hin taane gabaa waliigala biyyaatiin ta'uu kaasan.

Intarpiraayiziin sanyii filatamaa Oromiyaa damee Baalee qonnaalee Godina Baalee Sinaanaa, Roobeef akkasumas Arsii lixaatti kan argaman heeraroo, hunxee fi billittoo siraaroo heektaara kuma 17 ol tahan kan bulchu tahuu ragaan intarpiraayizichaa ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015