Dubdeebiin gareen suupparviijinii federaalaa kenne hojiirra ni’oola-obbo Shimallis Abdiisaa

89

Bitootessa 18/2016(TOI)- Dubdeebiin gareen suupparviijinii federaalaa naannoo Oromiyaatti hojii suuparviijinii taasisaa ture kenne hojiirra  akka oolu pirezidaantiin naannichaa obbo Shimallis Abdiisaa ibsan.

Gareen suupparniijinii ministira ittisaa doktar Abrahaam Balaayiin durfamu supparviijiniin naannichatti taasisaa ture xumuramuusaa obbo Shimallis ibsaniiru.

Gareen kun supparviijinii naannichatti taasisaa ture ilaalchisuun dubdeebii kenneera.

Mootummaan naannoo keenyaa dubdeebii kenname akka galteetti fudhatee hojiirra akka oolchu ibsaa, garee kana  maqaa koo fi maqaa mootummaa naannoo Oromiyaatiin galateeffachuun barbaada jechuusaanii odeeffannoon fuula marsariitiisaaniirraa arganne nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015