Tarkaanfiin garee shaneerratti fudhatamu cimee ittifufeera

124

Bitootessa 18/2016(TOI)- Tarkaanfiin garee shaneerratti fudhatamu cimee ittifufuun ibsame.

Gareen Shanee Godina Shawaa Kibba Lixaa aanaa Ammayyaa ganda Daallee Daakin dabalatee gandoota addaddaatti nageenya hawaasaa jeeqaa turerratti raayyaan ittisaa qxanichatti argamu tarkaanfii barbaachisu fudhachuusaa ibseera.

Raayyaan ittisaa qaamolee nageenyaa kanneen biroo waliin ta’uun garee shororkeessaa shaneerratti tarkaanfii fudhateen hidhataa garee shanee faayidaa ala ta’eera.

Yeroo addaddaatti yaanni nageenyaa wayita dhihaatuuf fudhachuuf kan mamuu fiummata dirqisiisee kan saamu gareen shanee tarkaanfii raayyaa ittisaan irratti fudhatamaa jiru dura dhaabbachuu dadhabee bittinaa’aa akka jiru ibsameera.

Guyyaa har’aa qofa godina Shawaa Kibba Lixaa aanaa Ammayyaa Daallee Daakinii fi naannawasaatti tarkaanfii raayyaan ittisaa fudhateen hidhattoonni 12 booji’amanii lama kan ajjeefaman yoo ta’u kilaashiin 8, Bireeniin 2 fi meeshaaleen boodatti hafoo 3 booji’amuusaa beeksiseera.

Duulli garee shororkeessaarratti fudhatamu ittifufuusaa hoogganaan raayyaa naannawatti argamu ibsuusaanii odeeffannoon raayyaa ittisaarraa argame nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015