Finfinneetti buufannii Fayyaa 19 tajaajila dahumsaa baqaqsanii yaaluu kennaa jiru

406

Bitootessa 18/2016(TOI) - Finfinneetti bufataaleen fayyaa 19 tajaajila dahumsaa baqaqsanii yaaluu kennuun kennisa tajaajila fayyaa haadholii fi daa'iimmanii keessaatti gahee olaanaa baha jiraachuu Biiroon Fayyaa bulchiinsa magaalichaa beeksise.

Du'aa haadjolii fi daa'immanii hir'isuu keessatti haalli rakkoo fayyaa walxaxaa ta'ee yeroo haadholii mudatu lubbuu isaanii baraaruuf tajaajilli dahumsaa baqaqsanii yaaluu filatamaadha.

Ta'uus garuu waggoota dheeraaf tajaajilli kun kan kennamu sadarkaa hospitaalaatti ta'uu isaan hospitaalota irratti dhiibbaan akka baay'atu fi haadholii irraanis dhaamaatii hedduu geesisaa tureera.

Magaalaa Finfinneetti rakkoo kana furuuf buufataalee fayyaa dhiheenya Hospitaalootaatti argaman sadarkaa hospitaalotaatti qindeesuun tajaajila kana kennuu akka eegalan taasifamuu Biiroo Fayyaa magaalichaatti daarektarri fayyaa Haadholii fi Daa'immanii Sinidduu Makuriyaa TOI'tti himaniiru.

Kanaanis buufataalee fayyaatti tajaajilli dahumsaa baqaqsanii yaaluu bara 2010 irraa eegaluun kennamaa jirachuu eeranii; yeroo ammaa magaalichaatti bufataaleen fayyaa 19 tajaajila kana kennaa jirachuu himaniiru.

Gara fuula duraattis buufatalee fayyaa ammayyeessuun tajaajiloota yaala fayyaa biroo Hospitaaloonni kennaan dabalataan akka kennan xiyyeeffannoon hojjetama jedhaniiru.

Buufataaleen fayyaa hanga ammaatti tajaajila dahumsaa baqasanii yaaluu kennuu jalqaban kunneen dhiibbaa gama kanaan hospitalootarra gahaa ture hiri'isuun cinaatti, tajaajila fayyaa haadholii eeguu keessaattis gahee olaanaa bahachaa jiru jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015