Komishiinichi Harargee bahaa fi Lixaaatti sadarkaa aanaatti adeemsa ajandaa walitti qabuurratti bakka bu'oota hirmaatan adda baasaa jira

328

Bitootessa 18/2016 (TOI) - Komishiiniin Marii Biyyaalessaa godinaalee Harargee bahaa fi Lixaatti sadarkaa aanaatti bakka bu'oota hawaasaa ajandaa walitti qabuurratti hirmaataan adda baasuu raawwachaa jira.

Walatjjiin bakka bu'oota ajandaa mariif ta'u adda baasuu irratti hirmaataan adda baasuuf qophaa'ee kan guyyoota afuriif turu magaalaa Hararitti geggeeffama jira.

Komishinichatti qindeessaan hirmaatota adda baasuu obbo Sisaay Goobasaa waltajjii kanarratti akka himaniitti; Komishiiniin maree biyyaaleessa yeroo ammaa sadarkaa biyyaatti rakkoowwaan jiran furuuf humna namaa fi bajata ramaduun hojjechaa jira.

Haaluma kanaan naannolee adda addaatti humna namaa kana bobbaasuun kutaalee hawaasaa hundaa hirmaachisuun hojii hirmaatoota marichaa adda baasuu xumuraa jira jedhaniiru.

Yeroo ammaas haaluma kanaan godinaalee Harargee Bahaa fi Lixaa aanaalee 36'tti marii biyyaalessaaf bakka bu'oota hawaasaa ajandaa marii walitti qabuurratti hirmaatan adda baasuu hojjetama jira jedhaniiru.

Bakka bu'oota hawaasaa kana adda baasuu cinaattis waa'ee marii biyyaalessaa irratti hubannoo gahaa namootaaf hojiin kennuu hojjetama jira jedhaniiru.

Walatjjii magaalaa Hararitti qophaa kanarratti kanneen hawaasa bakka bu'anii ajandaa adda baasuurratti hirmaatanii fi eeggatoonni kuma 1 fi 80 kan filaman ta'uu himaniiru.

Kanneen waltajjii kanarratti hirmaatan Marii biyyaalessaa kanaan rakkoo jiru furuu nagaa, tokkummaa fi waloomaa cimsuuf gahee olaanaa kan qabu ta'uu hubachuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015