Hojiin misooma Kooriidaraa wayita xumurame qooda fudhattoota hundaaf akkasumas ummata bal’aaf faayidaa olaanaa qaba-ministira muummee doktar Abiyyi Ahimad

64

Bitootessa 18/2016(TOI)- Hojiin misooma Kooriidaraa Finfinneetti adeemsifamaa jiru wayita xumurame qooda fudhattoota hundaaf akkasumas ummata bal’aaf faayidaa olaanaa akka qabu ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad ibsan.

Hojii misooma kooriidaraa magaalaa Finfinneetti adeemsifamaa jiru har’a ganama qorachuusaanii beeksisaniiru.

Ministirri muummee ergaa fuula marsariitiisaaniirratti dabarsaniin kaayyoon keenya dursaa Finfinneen jiraattotaaf kan mijoofte magaalaa hawattuu taasisuuf gochuuf kutannoo qabnu milkeessuudha jedhaniiru.

Adeemsi misoomsuu qabeenyota damee dhuunfaa fi mootummaa akkasumas kutaalee hawaasaa galii xiqqaa qabanii fi qaamoleen biroon qabamanii fi kireeffaman kan tuqe ta’us hojiin kun wayita xumuramu qooda fudhattoota hundaaf akkasumas ummata bal’aaf faayidaa olaanaa akka kennu ibsaniiru.

Dabalataanis aadaa hojii haaraan mul’achaa jiru guutuu biyyaatti fudhatamee baay’achuu kan qabu ta’uu hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015