Dureeyyiin Nezerlaandis hirmaannaa Invastimantii itiyoophiyaa keesatti qaban guddisuuf hojjetamaa jira- ambaasaaddar Heenk Jaam Baake

67

Bitootessa 18/2016(TOI)- Dureeyyiin Nezerlaandis hirmaannaa Invastimantii itiyoophiyaa keesatti qaban cimsuuf hojjetamaa akka jiru Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri biyyattii Heenk Jaan Baaker ibsan.

Ambaasaaddar Heenk Jaan Baaker turtii TOI waliin taasisaniin Itiyoophiyaa fi Nezerlaandis biyyoota hriiroo gaarii waggoota dheeraaf qabanidha.

Itiyoophiyaan tumsituu misoomaa Nezerlaandis ishee jalqabaa ta’uushee dubbatanii, yeroo ammaa wabii nyaataa, bishaanii fi fayyarratti xiyyeeffatanii hojjechaa akka jiran himaniiru.

Hawaasni daldalaa Nezerlaandis hedduun Itiyoophiyaa keessa jiraachuusaanii ibsanii, kaampaaniiwwan 100 ta’an Invastimantii addaddaarratti hirmaachaa jiru jedhaniiru.

Hedduunsaanii kuduraa fi muduraa akkasumas misooma Abaaboorratti hirmaachaa akka jiran eeraniiru.

Nezerlaandis biyyoota bakka qaqqabiinsaa daldala alaa Itiyoophiyaa keessaa ishee ijoo ta’uushee ibsanii, biyyoonni Lamaan tums agama daldalaan qaban cimsuuf xiyyeeffannoon nihojjetama jedhan.

Haala walfakkaatuun dureeyyonni Nezerlaandis hirmaannaa Iinvastimantii Itiyoophiyaa keessatti qaban cimsuuf hojjetamaa akka jiru ambaasaaddarichi mirkaneessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015