Ambaasaaddar Misgaanuu Argaa ministira gargaaraa dhimma hojiiwwan walitti bu’iinsaa fi tasgabbii ministeera dhimma alaa Ameerikaa EnniWiikooksii waliin mari’atan

135

Bitootessa 18/2016(TOI)- De’eetaan ministiraa dhimma alaa ambaasaaddar Misgaanuu Argaa ministira gargaaraa hojiiwwan dhimmoota walitti bu’iinsaa fi tasgabbii ministeera dhimma alaa Ameerikaa Een Wiikooksii waliin mari’ataniiru.

Hooggantoonni lamaan hariiroo biyyoota lamaanii fi haala yeroorratti mari’ataniiru.

Ambaasaaddar Misgaanuu wayita kanatti faayidaa hariiroo yeroo dheeraa biyyoota lamaanii fi tumsa dinagdee bal’isuuf hariiroo biyyoota lamaanii qorachuun  qabu dubbataniiru.

Ittifufuunis mootummaan federaalaa waliigaltee waloo guutummaan hojjeessuu fi bu’uraalee misoomaa naannoo Tigraayi deebisuun ijaaruu fi hojii deebisanii dhaabuu dhugoomsuuf kutannoo qabu dubbataniiru.

Lammiilee walitti bu’iinsaan miidhaman deeggaruu fi dhaabuun mootummaan federaalaa fedhii olaanaa akka qabu ambaasaaddar Misgaanuun eeraniiru.

Nageenya eegsisuuf mariilee nageenyaaf dursa kennuun nurteessaadha jedhan.

Ministeera dhimma alaa Ameerikaatti gargaaraa ministiraa hojiiwwan dhimmoota walitti bu’iinsaa fi tasgabbii Een Wiikooks gamasaaniin Ameerikaan hariiroo dinadgee Itiyoophiyaa waliin qabdu bal’isuuf iddoo akka kennitu ibsuusaanii odeeffannoon ministeera alaarraa argame nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015