Oromiyaatti hojiiwwaan damee dinagdee fi hawaasummaan baroota darban hojjetaman jireenya uummataa fooyyessaa jiru

89

Bitootessa 17/2016 (TOI) - Naannoo Oromiyaatti hojiiwwan damee dinagdee fi hawaasummaan erga jijjiramaa as hojjetaman jiruu fi jireenya hawaasaa jijjiraa jirachuu hogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa obbo Hayiluu Addunyaa beeksisan.

Obbo Hayiluu Addunyaa erga jijjirama as hojiiwwaan damee dinagdee fi hawaasummaan naannichatti hojjetaman ilaalchisuun TOI waliin turtii taasisaniiru.

Naannichatti jijjiramaan dura hojiin damee dinagdeerratti hojjetamu qonnaa fi indastirii irratti qofa kan xiyyeeffate ta'uu eeranii, jijjirama as garuu damee adda addaatti babal'isuun danda'ameera jedhaniiru.

Dameewwaan hojii qonnaa fi Indastiriitti dabalataan Turizimii, Albuudaa, tekinolojii informeeshiin Kominikeeshiniirrattis xiyyeeffannoon kennamee hojii hojjetameen jijjiramoonni hedduun argamuu himaniiru.

Keessaayyuu mootummaan naannichaa dameen qonnaa wabii midhaan nyaata mirkaneesuuf, oomishaalee alaa galan biyya keessatti oomishuun bakka buusuuf, oomishaalee gabaa alaaf dhihaatan bal'inaan oomishuu fi madda carraa hojii uumuu akka ta'uuf hojjetamaa ture jedhaniiru.

Kanaaf immoo hojii qonnaa hirkattummaa rooba gannaa qofaa eeganii hojjechuurra adda baasuuf tattaaffii taasifameen naannicha bakka hedduutti waggaatti yeroo lamaa fi saa ol hojiin oomisha qonnaa akka hojjetamu tasifamee jira jedhaniiru.

Bu'aa damee qonnaarra argamu guddisuuf mootummaan naannichaa dhiheesii galteewwan qonnaa fi qonna tekinolojiin deeggaramuun hojjechuurratti hojiiwwan hedduu hojjechuu himaniiru.

Hojii hojjetame kanaanis naannichaatti jiruu fi jireenya qonnaan bultootaarratti jijjiramnii qabatamaan argamuu eeraniiru.

Erga jijjiramaa as biyyattiin oomisha Qamadii biyya alaatti erguu akka dandeesu naannoon Oromiyaa gahee olaanaa bahachuu dubbataniiru.

Naannichaatti hojii qonna idileen cinaatti; qonna magaalaa, misooma Albuudaa fi damee manufakcharii irrattis bu'aan fooyyee gaarii qaban galmaa'uu obbo Hayiluu Addunyaa himaniiru.

Qonna magaalaan qaala'insa jireenyaa salphisuu, carraa hojii uumuu fi invastimatii hawaachuun irratti hojiin milkaa'oo ta'an hojjetamuu hubachiisaniiru.

Haaluma walfakaatuun damee hawaasummaan hojii Barnootaa fi Fayyaa irratti erga jijjiramaa as hojjetamee jirenya uummataarratti jijjiramni bu'a qabeesii akka argamu taasisuu obbo Hayiluu Addunyaa turtii TOI waliin taasisan kanaan himaniiru.

Haaluma kanaan jijjiramaa as qofa hirmaanna hawaasaan manneen barnootaa bu'uura boruu kuma 15 ijaaramuu eeraniiru.

Baratootaaf nyaata dhiheesuuf hojii hojjetameen bara 2016 qofa baratootaa miliyoona 5.3 oliif manneen barnootaatti nyaata dhiheesuufiin danda'amuu himaniiru.

Damee fayyaanis waggoota muraasa darban dhaabbileen fayyaa 1500 kan ijaaraman yoo ta'u, ijaarsi Kellaa fayyaa dhaloota lammaffaas bal'inaan hojjetama jirachuu.

Kana cinaattis tajaajila tola ooltummaan harka qaleeyyiiwwan hedduu deeggaruu fi hawaasni aadaa wal gargaarsaa akka cimsatu taasifamaa jira jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015