Itiyoophiyaan dorgommii Atileetiksii guutuu Afriikaa sadarkaa lammaffaan xumurte

228

Bitootessa 14/2016(TOI)- Itiyoophiyaan dorgommii Atileetiksii guutuu Afriikaa meedaaliyaa 18’n Naayijeeriyaatti aanuun sadarkaa lammaffaan xumurteetti.

 

Dorgommiin atileetiksii guutuu Afriikaa 13ffaa Gaanaa Yuunivarsiitii Akraatti taasifamaa ture xumurameera.

Dorgommii Kanaan Itiyoophiyaan dhiira 47, dubartoota 40 walumaagala atileetota 87’n bakka bu’uun Warqee 7, meetii 7 fi Naasa 4 walumaa gala meedaaliyaa 18 argatteetti..

Biyyoota Afriikaa 50 irraa atileetonni 640 dorgommii kanarratti hirmaachuusaanii odeeffannoon federeeshinii atileetiksii Itiyoophiyaa nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015